Minnesota keessatti sagalee kennuu (Voting in Minnesota - Oromo)
Guyyaa Filannoo Sagalee Kennuu (Election Day voting)
Fuula kana irratti eessatti akka filattan, maal akka fiduu qabdan, akkamitti gargaarsa akka argattanii fi akka nama filatu tokkootti mirgi keessan maal akka ta'e baradhaa.
Bakkeewwan sagaleen itti kennamuu fi sa’aatii inni itti kennamu
Bakka itti sagalee kennitan adda baafadhaa. Bakkeewwan filannoo irra caalaan isaanii ganama sa’aatii 7 a.m. hanga 8 p.m. banaadha.
Maal fiduu akka qabnu
Teessoo amma jirtanitti filachuuf galmaa'uu yoo ta'e waraqaa eenyummaa fiduun isin hin barbaachisu. Yoo galmaa'uu ykn galmee keessan haaromsuu barbaaddan garuu, agarsiisuu isin barbaachisa sagalee kennuu keessan dura ragaa bakka jireenyaa.
Sagalee kennuuf gargaarsa argadhaa
Yeroo sagalee kennitan karaaleen gargaarsa argachuu dandeessan hedduudha. Nama isin gargaaru fiduu, abbaa murtii filannoo gaafachuu, maashinii waraqaa filannoo keessan irratti mallattoo isin gargaaru fayyadamuu ykn konkolaataa keessan irraa illee sagalee kennuu dandeessu.
Gargaarsa maatii, hiriyoota ykn ollaa irraa argachuu
Miseensa maatii, hiriyyaa, ollaa ykn nama barbaaddan kamiyyuu filachuuf akka isin gargaaruuf fiduu dandeessu. Kan kanaan ala ta'e hojjechiisaa keessan, waldaa hojjettootaa keessan ykn kaadhimamaa aangoo irraa gargaarsa argachuu hin dandeessan.
Gargaaraan keessan bakka sagalee kennuu dabalatee kutaalee adeemsa sagalee kennuu hunda keessatti isin gargaaruu danda’a. Haa ta’u malee, gargaartoonni filannoo tokko keessatti waraqaa sagalee hanga filattota sadii qofaaf qaamaan mallattoo kaa’uu danda’u. Waraqaan sagalee keessan dhuunfaatti abbaa murtii filannootti agarsiisuudhaan mallattoo sirrii ta’uu isaa mirkaneessuu dandeessu.
Gargaartonni sagalee keessan irratti dhiibbaa akka geessisan ykn akkaataa isin sagalee kennitan namoota kan biroof qooduun hin hayyamamu
Kennama Sagalee Qarqara Daandii
Yoo salphaatti konkolaataa keessan keessaa bahuun bakka filannoo seenuu hin dandeenye, waraqaan filannoo akka isiniif fidamu gaafachuu dandeessu. Kunis kennama sagalee qarqara daandii (curbside voteting) jedhamuun beekama.
Abbootiin murtii filannoo lama dhaabbilee siyaasaa gurguddoo adda addaa irraa waraqaa sagalee gara konkolaataa keessaniitti ni fidu. Akkasumas, yoo galmaa'uu ykn galmee keessan haaromsuu kan barbaaddan ta'e unka iyyata isiniif ni fidu.
Gaafa sagalee kennitanii xumurtan abbootiin murtii waraqaa filannoo keessan fidanii saanduqa filannoo keessanii keessa kaa'u.
Deggersa maashinii mallattoo sagalee kennuu irraa
Bakkeewwan filannoo irra caalmaan isaanii maashinii waraqaa filannoo isiniif mallatteessuu danda’u qabu. Qalama fayyadamuun yoo sagalee kennuu hin dandeenye (ykn sagalee kennuu dhiisuu filattan) mirga isiniif ni kenna.
Maashinichi iskiriinii waraqaa filannoo qubee guddaadhaan ykn duubee walfaallaa guddaa qabu qaba. Akkasumas waraqaa filannichaa karaa 'headphone' isiniif dubbisuu danda'a.
Waraqaa sagalee keessan kan guuttan meeshaalee "Braille keypad", "touchscreen" ykn "sip-and-puff" fayyadamuutiin. Filannoo keessan erga raawwattaniin booda, waraqaa filannoo keessanii guutame ni maxxansa.
Gargaarsa abbootii murtii filannoo irraa
Abbootiin murtii filannoo adeemsa sagalee kennuu hunda keessatti isin gargaaruuf achi jiru.
Waraqaa sagalee keessanii irratti mallattoo kaa’uuf gargaarsa yoo barbaaddan, abbootiin murtii filannoo lama dhaabbilee siyaasaa adda addaa irraa dhufan gargaaruu danda’u. Filannoo keessan irratti dhiibbaa akka godhan ykn akkaataa isin sagalee kennitan namoota birootti akka himanis hin hayyamamu.
Yeroo hojii irraa boqonnaa sagalee kennuudhaaf
Filannoo isteetii fi kan federaalaa hundaaf, akkasumas filannoo naannoo mara beellamame keessatti kaffaltii, boqonnaa dhuunfaa, ykn yeroo boqonnaa keessan osoo hin dhabin yeroo sagalee kennuu guyyoota 46 keessatti yeroo kamiyyuu hojii irraa boqonnaa fudhachuuf mirga ni qabdu.
Hojjechiisaan keessan yeroo sagalee kennuu qabdaniif kaffaltii isiniif kaffaluu qaba, yoo yeroo hojii keessan beellamame keessa ga'e. Hojjechiisaan keessan boqonnaa dhuunfaa ykn yeroo boqonnaa akka fayyadamtan isin gaafachuu hin danda’u (Seerota Minnesota 204C.04 fi 204C.08 Subd.1d ilaalaa).
Yeroo hamma isin barbaachisu qofa fudhachuudhaan sagalee erga kennitaniin booda gara hojiitti seenaa.
Hojjechiisaan keessan kallattiinis ta’e al-kallattiin mirga diduu, daangessuu ykn gidduu seenuu hin qabu, sa’aatii isin sagalee kennuuf filattan dabalatee.
Hojjechiisaan keessan yoom akka hin jirre akka itti himtan gaafachuu danda’a, akkasumas hojjettoonni bakka hojiitti akka hin jirre qindeessan gaafachuu danda’a, kunis ammoo jeequmsa kan bakka hojii xiqqeessuu danda’a.
Hojjechiisaan seera kana cabse yakka salphaadhaan yakkamaa ta’a. Himannaan hojjettoota irraa dhufu kamiyyuu abukaatoo kaawuntii biratti dhiyaachuu qaba.
Mirga keessan beekaa
Akka filataa Minnesotaa tokkotti mirga hedduu qabdu-isaaniin beekaa!
- Yeroo sagalee kennuu guyyoota 46 keessatti yeroo barbaaddanitti sagalee kennuudhaaf hojii irraa boqonnaa qabaachuu.
Kaffaltii, boqonnaa dhuunfaa, ykn yeroo boqonnaa keessanii osoo hin dhabin yeroo hojii irraa boqonnaa fudhattanii sagalee kennuuf mirga ni qabdu.
- Yoo sarara irra jiraattan hanga sa’aatii 8 p.m-tti filadhaa
Sagalee kennuudhaaf yoo tarree keessa kan jirtan ta’e, yeroo barbaaddanitti sa’aatii 8 p.m dura mirga sagalee kennuu qabdu
- Galmee kan Guyyaa Filannoo
Guyyaa Filannootti sagalee kennuudhaaf galmaa'uuf mirga qabdu yoo kan dhiheessitan ta'e, ragaa mana jireenyaa barbaachisu kan mirkanaa'e
- Afaaniin galmaa'aa
Eenyuun akka taatan afaaniin mirkaneessuu fi maqaa keessan barreessuu kan hin dandeenye yoo ta'es namni kan biroo akka isiniif mallatteessu gaafachuuf mirga qabdu.
- Gargaarsa gaafachuu
Bakka bu’aa hojjechiisaa ykn waldaa hojjetootaa, ykn kaadhimamaa irraa kan hafe, nama kam iyyuu gargaarsa gaafachuuf mirga qabdu.
- Ijoollee gara buufata filannootti fiduu
Ijoollee keessan waliin argamtanii sagalee kennuuf mirga qabdu.
- Erga yakka cimaatiin himatamanii booda sagalee kennuu
Yeroo ammaa kana yakka cimaatiin yoo kan hin hidhamne ta'e sagalee kennuu dandeessu.
- Eegumsa jala jiraachuun sagalee kennuu
Yoo abbaan murtii mirga filachuu keessanii haqee malee, eegumsa jala yoo kan jirtan ta’e mirga filachuu qabdu.
- Dhiibbaa tokko malee sagalee kennuu
Bakka filannootti namni kamiyyuu sagalee keessan irratti dhiibbaa uumuuf osoo hin yaalin sagalee kennuudhaaf mirga qabdu.
- Waraqaa sagalee bakka bu'iinsaan argachuu
Sagalee keessan osoo hin kenniin dura waraqaa filannoo irratti yoo kan dogoggortan ta'e, waraqaa filannoo bakka buufamu argachuuf mirga qabdu.
- Himata dhiheessuu
Akkaataa filannoo geggeeffamaa jiru irratti yoo kan hin gammanne ta'e, bakka filannoo keessanitti komii barreeffamaan dhiyeessuuf mirga qabdu.
- Samuuda waraqaa filannoo fiduu
Samuuda waraqaa filannoo gara bakka sagaleen kennamutti geessuuf mirga qabdu.
- Labsii Mirga Filattootaa fiduu
Koppii Labsii Mirga Filattootaa(Minnesota Statutes 204C.08, subd. 1b) gara kutaa sagalee kennuutti fudhachuuf mirga qabdu..